SEEROTA YOUTUBE KAN DIRQAMA BEEKU QABDAN WAAN 6

Rakkoowwan gurguddaa YouTube’n qaban sadan haa ilaallu. Seerota YouTube yoo cabsine galii argachuu hin dandeenyu. Rakkoowwan kun hedduutu jiru. Isaan keessaa gurguddoowwan haa ilaallu. 

  1. Kooppii Raayitii (Copy Right Claim) kan jedhuudha

Inni kunis viidiyoo namoota kan biroo akkasuma sirboota, muuziqaa fi kkf fuunee keenya keessa yoo galchine kooppii raayitii nurratti ta’a jechuudha. Kanas yeroo muraasa jechuun ji’a sadii keessatti of irraa kaasuu kan dandeenyuudha. 

  1. Terms and polices kan jedhuudha.

Kana jechuuni YouTube’n kan ittiin namoota seerota cabsan ittiin adabu jechuudha. Namni gaafa seera YouTube’n kaa’e cabsu sun seera kanaan adabama jechuudha. 

  1. Ads Suitability

Kun hagas mara rakkoo kan hin qabne garuu akka rakkoo viidiyoo sanaatti ilaalamus yeroo hedduu kan viidiyoo keessan beeksisni irratti hin baaneedha. Isaan kun warra chaanaliin isaanii monetise ta’ee viidiyoo isaanii irratti beeksisni irratti ba’aa jiruudha. 

YouTube Keenya Monetise Kan Nuuf Ta’u Akkamitti?

YouTube keenya seerota monetise kan ta’u isa jalqabaaf seera gurgudda lama yoo guuteedha. Inni kunis

  1. Watch Hour 4000 Yoo Guunneedha.

Kana jechuun viidiyoo nuti chaanalii keenya irratti gadi dhiisaa oollu ilaalamee walitti qabamuudhaan sa’atii haga kana yoo guunne keessaa seera isa tokkoodha. Kana guutuun yeroo kan fudhatu ta’us maloota adda addaa fayyadamuudhaan sa’atii kana salphaatti guutuu dandeenya. 

  1. Subscribe 1000

Chaanaliin keenya Subscribe 1000 guuteera yoo ta’e ykn namni chaanalii keenya subscribe nuuf godhe nama 1000 ol ta’e san guutuu dandeenya. 

Walumaa galatti egaa seera lamaanuu (Watch Hr 4000 fi Subscribe 1000) yoo guunne booda chaanaliin keenya Subscribe nuuf ta’a jechuudha. 

YouTube Banachuudhaaf Maaltu Barbaachisa?

  1. Email qabaachuu qabna. E-mail jechuun fakkeenya xxxxxxx@gmail.com  kan jennuu sanaadha. Yeroo hedduu namootni Email hin beekne nii jiru. Kanaaf gara Google deemnee create Email jennee salphaatti baafachuu dandeenya. 
  2. Lakkoofsa Saanduqa Poostaa (P.O.Box) jechuudha. Kunis faayidaani isaa yeroo monetise taanu sanatti Piin koodii kan jedhamu kara lakkoofsa keenyaa kanaan kan nuuf ergamudha. Sana booda piin koodii keenya fuunee bakka nu gaafatu irratti yeroo guunna. Kunis dhuma seerota lamaan olii yeroo guunnu jechuudha.

Hojjetaa YouTube Ta’uuf Maaltu Nu Barbaachisa?

  1. Kaameraa qabaachuu qabna. Yoo dhabnee dhabne mobaayila gaarii viidiyoo qulqulleessee waarabullee qabaachuu qabna. Kana jechuun viidiyoo nuti hojjechuu qabnuu qulqillinni isaallee kan ilaalamu ta’uu qaba. Kanaaf kaameeraa qabaachuun keenya haalaan murteessaadha. 
  2. Kompiyuutera. Maaliif nu fayyada isa jedhuuf viidiyoo keenya qindeessuudhaaf kan nu barbaachisu kompiyuutera qofa. Yoo hin qabnemmoo mobaayila keenyaan dhimma ba’uu dandeenya kana jechuun mosaajii viidiyoo keenya qindeessuu danda’u qabaachuu qabna. Fakkeenyaaf kanneen akka Kinemaster mobaayila keenyaan viidiyoo salphaatti qindeessinee YouTube keenyaaf qopheessuu dandeenya garuu kunis hamma karoora keenyaa fi nu deemsisuu qabu tokko nuuf ta’uu dhiisuu mala kanaaf kan irra filatamu kompiyutera qabaachuutu murteessaadha. 
  3. App Viidiyoo qindeessuuf nu gargaaran- Isaan akkuma lakkoofsa 2ffaa keessatti kaasne mobaayila keenyaafis ta’u kompiyutera keenyaaf kan nu barbaachisan appii hedduutu jiru. Isaan kun ammoo fakkeenyaaf kan akka Wondershare Filmora kan jedhamu kompiyutera keenya irratti viidiyoo qindeessuu dandeenyu qabaachuu qabna. 
  1. Hubannoo ykn beekumsa viidiyoo qindeessuu – Viidiyoo qindeessuuf hubannoo ykn beekumsa qabaachuu qabna. Nama viidiyookeenya nuuf qindeessu qacaruu keenya irra ofii keenyaas barachuu, leenjii isaa qabaachuudhaan hojii YouTube keenyaaf saffisaan milkaa’uu danda’uutu nurra jiraata. 
  2. Waraabduu Sagalee – Sagalee nuti dubbannu kan kallattiidhaan waraabu kanneen akka spiikarii xixiqqaa ta’an yoo qabaanne gaariidha. Kunis gatii guddaa osoo hin taanee gatii xixiqqaadhaan gabaa irraa bituudhaan viidiyoo yeroo hojjennu haala salphaa ta’een sagalee keenya waliin qindeessinee YouTube keenya irratti fe’uu dandeenya. 
  3. Bakki Murteessaadha- kana gaafa jennu osoo qabaannee stuudiyoo mana keenya keessatti or bakkeetti kireessuudhaan yoo hojjenne haala bareedadhaan kan milkaa’uu dandeenyuudha. 

Egaa walumaa galatti hojii YouTube hojjechuudhaaf osoo itti hin seennee kanneen nu barbaachisan olii kana qabaachuuf itti yaaduu qabna. Kana yoo hojjenne akkasuma torbanitti yeroo sadii ol viidiyoo hojjennee yoo gadi dhiisaa deemne yeroo gabaabaa keessatti seerota sana guutuudhaan monetise ta’uu dandeenya. Odeeffannoo wayitawaa online irraa galii argachuudhaaf marsariitii keenya hordofuu dandeessu. 

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Please turn on your VPN to continue browsing securely.